Global Good News Literature


 

Qomo Kristositti Laka'amuu

fi

Kristos Duuka Bu'uu


 

Ittin Baafata

Qomo Kristositti Laka’amuu

Ani Mucummakootii Jalqabee Kristaana?

Wa’e Yesusiin Simaachuu

Yesus Kristosiin Yommu Simanne Jirenya Keenya Keessatti Diddirama Maaltu Tae?

Mootummaa Waaqayyootti Akka Gallu Shakkii Malee Beekuu Dandeenyaa?

Kristos Duuka Buuu

 

         Waa’ee Kadhataa

Kadhata Qalbi Diddirachuu

Kadhata Himataa

Namaaf Kadhachuu

Kadhata Galataa

Kadhata Aboo

Sagalee Waaqayyoo Dubbisuu Yookiis Dhaga’uu

Sagaleen Waaqayyo Jireenya Keenya Keessatti Bu'aa Maalii Qabaa?

Amantoota Wajjin Tokkummaa Qabaachuu

Amantoota Warra Kaanii Wajjin Walitti Qabamuun Buusa Maalii Qabaa?

Kristaana Taanii Jiraachuu

Akkamitti Kristosiif Jiraanna?

Waaqayyo Waa’ee Fedha Isaa Lamaan Tokko Cimsee Nuutti Himaa

Kristosiif Dhugaa Ba'uu

Dhugaa Ba'uu Jechuun Maal Jechuudhaa?

Akkamitti Kiristoosiif Dhugaa Baanaa?

divider1.gif 
(1097 bytes)
 

Qomo Kristositti Laka’amuu

Qomo Kristositti Laka’amuun maal jechuudhaa?

"Hamma isa simatanif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqa isatti amananii dha." (Yohannis 1:12)

Abbumti fedhe gosa tokotti laka’ammu kan danda’uu yoo ittii dhalatee yokiin karaa guddifechaa yoo abboo argatee duwaa dha. Akkasumattis karra amantii dhaan ijoollee Kristos ta’uu akka dandenyu macafa qulqullu kessatii Waaqayyoo nutti himera. Kun ta’uu kan danda’uu kristiyaana warra ta’ani irra dhalachu dhaan yokis ijjoollummati cuuphamu dhaan ottu hin ta’iin, karaa Hafuuraan Waaqayyooti yoo dhalane dha. Yesus Kristos wa’ee kana nama barsiisa biyya Israa’el, Niqoodemos itti akkas jedhee mul’isee:

"Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii yoo dhalachuudhabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u" jedhe [Kristos] deebiseef. Niqoodemos immoo, "Namni erga qancaree attamitti dhalachuu danda’a? Gadameessa haadha isaatti lammaffaa galee, dhalachuu danda’a moo?" jedhee Yesusin gaafate. Kanaaf Yesus, "Dhuguma, dhuguma sitti hima, eenyu illee bihsaanii fi hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhabaate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u. Nama foonittii kan dhalate foon, hafuurattii kan dhalate hafuura." (Yohannis 3:3-6)

Egaa, Kristiyaana ta’uun ilman Waaqayyoo ta’u dha. Ijoollee Waaqayyoo ta’un immoo gosa Waaqayyoo ta’u dha. Kun hundumtuu "Yesus Kristos fayisaa koo fi Gofta kotii" jedhe nama itti amanautuf in ta’a.

"Namni isatti amanu hundinuu hin yeella’u."

"Namni maqaa gooftaa waammatu hundinuu in oola."  (Roomaa 10:11, 13)

Ani Muccummakootii Jalqabee Kristaana?

Amanttii kristaanaa namni erga guddatee booda hubatee kan fo’atu dha male akka qabeenya lafaa warra ofii irraa waan dhaalan miti. Waan abbaan doktora ta’eef ilmi doktora hin ta’u. Abbafi haati keenya amantoota, yookis Kristaana waan ta’aniif nuyis Kristaana taanee dhalachuu hin danddeenyu. Amanttiin isaanii fakkeenya gaarii nuuf ta’ee sodaa Waaqayyotiin akka gudannuuf nu gargaruu in danda’a. Kana irraa kan haffe, sabni biya lafaa attamitti Kristaana ta’uu akka danda’u Waaqayyo sagaleesa kessatti nuti himeera:

  1. Cubbamaa akka ta’e bekudhaan
  2. "Hundinuu yakkaniiru; ulfinni Qaaqayyoos isaanitti hir’ateera." (Roomaa 3:23)

  3. Yesuus Kristos cubbuu isaatiif akka due amanuudhaan
  4. "Utuma cubbamoota taanee jirruu Kristos nuuf jedhee du’eera." (Roomaa 5:8)

  5. "Cubbuu ani hamma har’aatti hojjedhe hundumaa naa dhiisi" jedhee, garaa isaa guutuudhaan qalbbii diddirratee, Yesus Kristosiin fayyisaa isaa fi goftaa isaa godhatee fodhechuudhaan.

"Bara wallaaluma isaani Waaqayyoo namootatti lakka’uu dhiiseera; amma garuu namni hunddinuu iddoo hunddumaatti qalbbii akka diddirratu abboomeera." (Hojii Ergamootaa 17:30)

"Dhiignni ilmma isaa Yesus immoo cubbuu hunddumaattii nu qulleessa." (1 Ergaa Yohannis 1:7)

"Kunoo! Ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta; namni sagalee koo dhaga’ee balbala yoo anaaf bane, ani ol nan lixa." (Mul’ata Yohannis 3:20)

Kanaan dura kana hubattee Kristosiin fudhachuudhaf murtee hin goone yoo ta’e akkana jedhitii kadhadhu.

"Yaa gooftaa, ani cubbamaa ta’uu koo nan beeka. Amantii Kristaana dhaalaan argachuu akka hin dandeenye hubadheera. Muccumakootii jalqabee cubbuu ani hojedhe hundumaa naa dhiisi. Dhiiga keetiinis na qulqullessi. Balbala garaa koo siif baneera. Fayyisaaf gooftaa jireenya koo na ta’i. Waan na dhageeseef sin galateefadha. Ameen!"

Wa’e Yesusiin Simaachuu

Dubbiin "Yesusiin Simaachuu" jedhamuu kunii fayiisaan keenya Waaqayyo biraa gadii dhufu isaa nutti mul’isa.

"Waaqayyoo, akkasitti tokkicha ilma isaa (Yesus Kristosiin) hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kum immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa ha qabaatuuf malee, haa baduuf miti! " (Yohannis 3:16)

Nuyii fakeenya hoolaa tiksituu jala baddeetti laka’amna. Inni immoo hoolatti badee oolchuuf barbaacha ishee kan ba’ee, fakeenya tiksee gariitii. Isaatu dura gara keenyatii dhufee gara isaati nu wammatee; nuyi immoo fayyina barbanee owwaanee. Yommus dubbin Waaqayyoo inni akkas jedhu in rawwatame:

"Har’a fayyini maatii kanaaf ta’eera… ilmi namaa [Yesus] isa bade barbaaduudhaf fayyisuudhafis dhufera" (Luqaas 19:18-19).

Karaa tokkon yoo ilaalle immoo, fayyisaan keenya Yesus Kristos qoricha cubbutii. Qorichi tokko kan nama fayyisu yoo isaa dhugan, liqimsan, yookiis marfee isaa yoo waraannataan malee fayyisuu hin danda’uu. Qoricha harkkatti batanii, "qorichi kun akka na fayyisu danda’uu nan amana" jechuudhaan duwwa fayyinni hin argamuu. Yesus Kristosiinis akkanuma amantiidhan gara laphee keenyatti yoo isaa simachuu dha baanne, wa’ee isaa bekumsa qabachuu dhan duwwa dhukkubaa cubbu irra fayyinee jireenya bara bara argachuu hin dandeenyu.

Yesus Kristosiin Yommu Simanne Jirenya Keenya Keessatti Diddirama Maaltu Ta’e?

  1. Ijoolle Waaqayyoo taane.
  2. "Hamma isa simatanif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqa isatti amananii dha." (Yohannis 1:12)

    Akka sagalee kanaatti namni hundinuu ijoolle Waaqayyoo akka hin taane hubanna. Kanan duraa akka jedhameetti, ijoolle Waaqayyo ta’uudhaaf qalbii diddirrannee garaa dhuga-qabeessaan Yesus Kristosiin simachuutu nu irra jira.

  3. Hafuuraan lammata dhalanne.
  4. "Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii yoo dhalachuudhabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u" (Yohannis 3:3)

    "Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin ta’in, akka araara isaatiitti dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin, hafuura qulqullutiinis nu fayyise."
    (Tiitoos 3:5)

  5. Uumama haaraa taane.
  6. "Kanaafis namni kan Kristos yoo ta’e, uumama haaraa dha; inni moofaan darbe, kunoo inni haaraan dhufeera." (2 Qorontos 5:17)

  7. Dukkana keessaa gara ifaatti ceene.
  8. "Isin garuu qomoo fo’amaadha; luboota mana mootummaa ti saba qulqullaa’aa dha; warra dhuunfaa Waaqayyoo ta’anii dha; Waaqayyo hoji isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa, gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin waame. (1 Phexros 2:9)

  9. Saba Waaqayyoo taane.
  10. "Isin takka saba Waaqayyoo hin turre, amma garuu saba isaa taatanittu; isin araara Waaqayyoo hin argatin turtan, amma garuu araara isaa arggattaniittu." (1 Phexros 2:10)

  11. Du’a keessaa gara jireenya bara baraatti ceene, yokkis darbinee.

"Isin kanaan dura irra-daddarbaa keessanii fi cubbuu keessaniin [karaa hafuuraa] duutanii turtan… Araarri Waaqayyoo garuu baay’ee waan ta’eef, jaalala isaa isa guddaa sanaan nu jaallate. Nuyi irra-daddarbaa keenyan karaa hafuuraa du’oo taanee utuma jirruu, inni warra Kristosii wajjin jiraatan nu godhate; isin ayyaana Waaqayyootiin fayyifamtan." (Efesoon 2:1, 4-5)

Yesus akkas jedhe, "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga’ee isa ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du’a keessaa gara jireenyaatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu." (Yohannis 5:24)

Mootummaa Waaqayyootti Akka Gallu Shakkii Malee Beekuu Dandeenyaa?

Sagaleen Waaqayyoo, 1 Yohannis 5:13 irratti, "Isin warri maqaa ilma Waaqayyootti amantan, jireenya bara bara qabaachuu keessan akka beektaniifan kana huundumaa isiniif caafe" jechuudhaan jireenya bara baraa qabaachuu keenya beekuu akka danddeenyu fi beekuunis akka nu irra jiru nu hubachiisa. Waan beekuun nu irra juru hundumaa Waaqayyo homaa otuu nu hin oksiin sagalee isaa keessatti nutti mul’iseera.

"Namni ilma Waaqayyoo [Yesus Kristosiin] qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu." (1 Yohannis 5:12)

Akka sagalee kanaatti namni hunddumtuu iddo lamatti hirama: garri tokko warra jireenya bara baraa qaban yoomuu ta’uu, garri kaan immoo warra jireenya bra baraa hin qabne dha. Gar-gar ba’uumma laman kana gidduu jiru immoo Yesus Kristos jireenya keenya kessa jiraachuu isaatif dhabamuu isaatii.

Yesus Kristos jireenya keenya keessa yoo jiraatee, nuyi ijoollee Waaqayyoo ta’uu keenya hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaf dhugaa akka bau sagaleen Waaqayyoo in dubbata:

"Hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin walii galee, ijoollee Waaqayyoo ta’uu keenya dhugaa in baa. Nuyi ijoollee Waaqayyoo erga taanee, warra waan hundumaa argatan in taana; waan kana hundumaas Waaqayyoo biraa in arganna; Kristosii wajjin erga dhiphannee, isaa wajjin immoo ulfaachuudhaaf, waan Kristos argatu hundumaas isaa wajjin in arganna." (Roomaa 8:16-17)

Kristos Duuka Buuu

"Akka ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqayyoo fudhadha." (Efesoon 5:1)

Namni lammaffaa dhalatee dhugaa dhaan Kristaana ta’ee amaanti isaatti cimaa ta’e jabbachuutu isa barbachisa. Guddina muuca reef dhaalatef waan baayyeen akkuma barbbaachisu, Kristaanni tokkos akka cimuuf waan baayyee tu isa barbbachisa. Isaan kessa wanti sadii kunootii:

  1. Kadhata gochuu
  2. Sagalee Waaqayyoo dubbisuu yookiis dhaga’uu
  3. Tookummaa amantoota keessatti argamuu

Waa’ee kadhataa

Guddina Kristaanaatiif kadhannan baayyee barbbachisa dha. Yommuu kadhannu cubbuu keenyaa fi dadhabbi keenya hundumaa Waaqayyotti himanna. Ayyaana fi araara Waaqayyoo immoo in arganna. Kuun ta’uu baanaan jireenyi keenya dadhaba adeema. Waaqayyoo fi saba isaa irraa fagaachaa adeemuudhaan gara jireenya isaa duriitti in deebina. Kanaaf sagaleen Waaqayyoo akkas jechuu dhaan nu gorsa:

"Yeroo hundumaa gammadaa! Kadhata keessan ittuma fufaa malee in dhiisinaa! Waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa! Waaqayyo karaa Kristos Yesus kana gochuu keessan in fedha." (1 Tasaloniiqee 5:16-18)

"Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi’ee nan jedha, gammadaa! Garraamummaan keessan nama hundumaa biratti haa beekamu! Gooftaan dhi’oo dha, dhi’ootti in dhufas. Waan hundumaatti, kahataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega." (Filiphisiiyus 4:4-7)

Kadhannan Maal’innii?

Namni tookko kadhannaa dhaan Waaqayyo wajjin wal arga. Yommuu kadhatu gadda yookiis gammachuu; galata yookiis komii garaa dha qabu Waaqayyotti himata. Waaqayyofis in sagada. Garaa isati immoo Waaqayyon in dhaggeeffata. Kadhannan rakina mata ofii Waaqayyotti himachuu duwaa otuu hin ta’in, isa Waaqayyo nutti dubbatus dhaggeffachuu of keessaa qaba. Kophatti sagalee Waaqayyoo yommuu dubbifannu Waaqayyo nutti dubbata; yookiis hafuura isaatiin garaa keenyatti dubbata.

Kutaa kadhannaa:

  • Kadhata Qalbbii Diddirrachuu
  • Kadhata Himataa
  • Namaaf Kadhachuu
  • Kadhata Galataa
  • Kadhata aboo

Kadhata Qalbi Diddirachuu

Cubbuun keenya nuuf Waaqayyo gidduu galee walii-galtee keenya waan ballessuuf, dafnnee qalbbii diddirrachuu dhan qajeelchuu tu nu irra jira. Kanaaf kadhanni kun isaan kan keessaa isa duraa ta’unsaa barbachissa dha.

"Ani hamaa gochuu garaa kootti utuun yadeera ta’ee, gooftichi matumaa ana hin dhaggeeffatu ture." (Faarfanna 66:18)

"Kunoo! Harki Waaqayyoo gabaabbatee isin fayyisu hin dadhabnne; gurri isaas duudee iyya keessan dhaga’uu hin dhabnne; yakki keessan isniif Waaqayyoo keessan gidduu goree gargar isin inn ittisse; akka isiniif hin dhageenyettis sababii cubbuu keessaniitiif Waaqayyoo fuula isaa isin irra in deebisee." (Isaayaas 59:1-2)

Keesumatttu cubbuun nitti dhaga’amu yoo jiraate dafnnee qalbbii didirrachuu dhaan Waaqayyon dhiifama gaafachuu tu nu irra jira.

"…Dhiigni ilma isaa Yesus immoo cubbuu hundummaattii nu qulleessa."
(1 Yohannis 1:7)

"Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal’ina keenya hundumaattiis nu qulleessa." (1 Yohannis 1:9)

"Yaa ijoollee ko, akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan caafa; namni tkko ille yoo cubbuu hojjete garuu, nama nuuf dhaabatu abbaa biraa qabna, innis Yesus Kristos isa qajeelaa dha." (1 Yohannis 2:1)

Yaada garaa keenya keessatti wanti nu yellasisu hin jiru yoo ta’e garuu, kadhata qalbbii diddiirrachuu kadhachuu nu hin barbbaachisu.

"Yaa michoota ko! Garaan keenya yeroo nutti hin farannettis, Waaqayyo duratti ija-jabina qabna." (1 Yohannis 3:21)

Yeroo tokko tokko garuu cubbuun nu duraa dhokate jiraachuu waan danda’uuf "cubbuu dhokate irraa na olchi; akkan irraa eggadhuuf immoo natti mul’issi" jennee kadhata gochuun garii dha:

"Wanta utuu hin beekin irraa kaate eenyutu hubachuu danda’a ree?
Balleessaa koo isa na duraa dhokate kana anatti hin ilaalin!" (Faarnanna 19:12)

Kadhata Himataa

Sagaleen Waaqayyoo, "Kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argatuu, balbala rukutaa isniif in banama. Kan kadhatu hundinuu in fudhata, kan barbaadus in argata, balbala kan rukutuufis in banama" jedha. Kanafiis waan nu barbbaachisu himmachuu dhaaf kadhatan fuula Waaqayyoo duraa dhi’achuuf abboo ijoollummaa qabna. (Maatewos 7:7-8)

"Waan hundumaatti, kahataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa!" (Filiphisiiyus 4:6)

"Ini sinif waan yaaduuf, yaaddoo keesssan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa." (1 Phexros 5:7)

Kadhata keenya fuula Waaqayyoo duraa yommuu dhiyeeffannu, deebii akaakuu sadan kana keessa tokko arganna:

a) "TOOLE! "

Waaqayyo abbaa keenyaa fi tiksee keenya. Waan nuyi isa kadhanne sun nuf barbbaachisa yoo ta'ee fi ulfina isaaf ta’a taanaan "toole" jechu dhan debii nuu kenna.

Yesus "Isin keessa abbaa kan ta’e, ilmi isaa buddeena yo kadhate, isa inni kadhate dhowwatee, dhagaa kennafii ree? Qurxummii yoo kadhate, qurxummii isa inni kadhate dhowwatee, bofa kan kennuf jiraa ree? Yookiis ilmi isaa hanqaaquu yoo kahdate, torbaanqabaa in kennaafii ree? Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii abbaan keessan inni waaqa irraa ammoo, hammam isin caalaa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!" jedhe. (Luqaas 11:11-13)

"Waaqayyo tikseekooti, ani homaa hin dhabu." (Faarfanna 23:1)

b) "TURI! "

Waan nuyi kadhanne jireenya keenyaaf barbbaachisaa, ulfina Waaqayyofis kan ta'u yoo ta'e iyyuu, yeroon Waaqayyoo yeroo keenyaa wajjin adda adda waan ta'eef turi nuun jechuu in danda'a. Yeroo tokko tokko immoo waan kadhanne sana caalaa obsi waan nu barbbaachisuuf deebiin kadhannaa keenyaa in tura. Yeroo kaan immoo, amanttiin keenya akka guddatu Waaqayyo waan barbbaaduuf gaffii keenya yeroo nuyi barbbaannetti nuu hin deebisuu. Kana malees yeroo tokko tokko waan kadhanne Waaqayyo harkaa fudhachuu dhaaf ga'aa taanee hin argamnu ta'a. Kanaafis hamma qophofnutti deebiin nuuf hin keennamu.

Egaa, Solomoon mootichi "Wanti hundinuu yeroo qaba; wanti banttii waaqaa jala jiru hundinuu yeroo qaba" jedhee akkuma dubatee, deebiin kadhata keenya gafa Waaqayyo jedhe ta’a. (Lallabaa 3:1)

C) "WAAWUU" (hin kennu)

Abbaan, waan ijoolleen isaa isa kadhatan hundumaa toole jedhee kennuufiin irra jira jechuun rakisaadha. Waaqayyo Abbaa keenya inni waaqa irraas akkasuma utuu hin hubatin waan nuyi isa kadhannee hundumaa nu hin kennu. (Maatewos 20:20-22)

Akka sagalee Waaqayyootti sababii sadii dhaf waan barbbannu hin arganuu:

  1. Hin kadhannu waan ta'eef;

  2. ". . . Waaqayyoon kadhachu waan dhiiftanniif, wanta barbaaddan qabaachuu dadhabdan" (Yaaqoob 4:2)

  3. Akka jaalala Waaqayyootti yoo kadhachuu dhaa baanne;
    (Yaaqoob 4:3; 1Yohannis 5:14-15)

  4. Cubbuu in hojjenna yoo ta'e.

"Ani hamaa gochuu garaa kootti utuun yaadeera ta'ee, gooftichi matumaa ana hin dhaggeeffatu ture." (Faarfanna 66:18)

Namaaf Kadhachuu

Kadhannan akkasii ofii keenyaaf otuu hin ta'in, rakina namoota gara biraadhaaf kan kadhannu dha.

1. Yaada mataa keenyan geggeffamnee namaaf kadhanna.

"Waan hundumaatti, kahataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa!" (Filiphisiiyus 4:6)

Jireenya namaa keessatti dadhabbii yommuu agarruu, akka inni dadhabbii isaa irraa hiikamu kadhachuuf malee akka itti faradnuf hin ajajamne. (Roomaa 14:1, 1Yohannis 5:16)

2. Hafuurri qulqulluun nu keessa kadhata. Jechuun, waan hundumtuu akka fedha Waaqayyootti akka raawwatuuf hafuurri nu keessa taa'ee in kadhata.

"Hafuurichis immoo akkuma kanatti dadhabbii keenyatti nu gargaara. Nuyi maal kadhachuun akka nuuf barbaachisu akka ta'utti hin beeknu. Hafuurichi garuu aaduu isaatiin karaa namni dubbiidhaan mul'isuu hin dandeenyeen nuuf in kadhata. Hafuurich akka jaalala Waaqayyootti warra isaaf qulqullaa'aniif in kadhata. Waaqayyo inni garaa namaa fonqolchu immoo, yaada hafuurichaa in beeka." (Roomaa 8:26-27)

3. Nama hin duuneef kadhana. Qulqulloonni fi toloonni erga du'anii booda yookiis ergamoonni Waaqayyoo namaa kadhachuu hin danda'an. Nuyis kadhata akkasii kan goonu hamma biyya lafaa kana kessa jirrutti. (Lallabaa 9:4; Mul’ata 22:8-9)

Kadhata Galataa

Kadhata kana hundumaa caalaa kessa deddeebinee kadhaehuutu nu irra jira. Sababiin isaa immoo Waaqayyo wajjin tokkummaa guutuu qabaachuu kan danddeenyu galataan yoo isa waaqeffanne dha.

Kadhata galataa Lamatu jira:

1. waan Waaqayyo nuu godheef Waaqayyoon galateeffachuu.
(Faarfanna 103:1-5)

2. Eenyummaa isaatif Waaqayyoon galateeffachuu.
(Faarfanna 118:1 Iyyob 1:21; 42:2)

Kadhata Aboo

Ijoollee Waaqayyoo ta'uu keenyaan aboo nuuf kennametti seexanaan mormina. Kan isa morminu immoo:

  1. Maqaa Yesusiin
  2. Phaawulos hafurricha hamadhaan, "Maqaa Yesus Kristosiin akka ishe keesaa baatuuf, sin abbooma!" jedhe; hafuurichi achumaan ishee keessaa ba’e. (Hoji Ergamootaa 16:18)

  3. Dhiiga Yesusiin

"Obbolonni keenya immoo dhiiga hoolichaatiin, dubbii isa dhugaa ba’aniinis isa [jechuun, seexanicha isa isaan hadheessaa ture] mo’aniiru; isaan du’atti waan isaan geessu yoo ta’e iyyuu, lubbuu isaanii hin mararsiifanne." (Mul’ata 12:11)

    3. Segalee Waaqayyootin

Yesus, Seexana isa qooraa tureen, "Seexana nana, argaa koo duraa turi! ‘Waaqayyoo kee gooftichaaf jilbeenfatte sagadi isa duwwaafis hojjedhu!’ kan jedu caafameera" jedheen. (Maatewos 4:10)

"Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; seexanaan immoo mormmaa! Innis isin dhiisee in baqata. Waaqayyootti dhi'aadhaa, innis isinitti in dhi'aata.Isin warri chubamoonni, harka keessan qulleeffadhaa. Isin warri garaa walaallammii garaa keesan qulqulleeffadhaa! (Yaaqoob 4:7-8)

 

Sagalee Waaqayyoo dubbisuu
yookiis dhaga’uu

Bishaanii fi albuudaan (nyaata lafa keessaa) guddina biqilaa mukaaf barbbaachisa akka ta’e beekna. Guddinaf jabina ilmoo namaf immoo dhugaati waan akka aannanii fi nyata gara garaa guyya guyyati kenninaaf. Akkasumas immoo, sagaleen Waaqayyoo cimina hafuura Kristaanaf akkuma nyataati. Guyyuma guyyatis dubbisuun barbbachisaa dha.

Namni dubbii afaan Waaqayyoo keessaa bau hundumaan malee, nyata buddenna duwwaadhaan hin jiraatu. (Keessa Deebii 8:3; Maatewos 4:4)

"Ammas hammina hundumaa, haxxummaa hundumaa, of arguu dhabuu, weennoo, maqaa namaa balleessuu hundumaas of irraa fageessaa. Akka mucooliin reefuu dhalatan aannan barbaadanitti, isinis fayyinaaf ittiin guddachuudhaaf yeroo hundumaa dubbi hafuuraa isa haxxummaan keessa hin jirre akka aannanii sana dhara'aa. Isin gaarummaa gooftaa miyeeffattaniittu yoo ta'e, kana in gootu." (1Phexros 2:1-3)

Sagaleen Waaqayyo Jireenya Keenya Keessatti Bu'aa Maalii Qabaa?

       a. Daandii jereenyaa keenyaf ifa nu ta’a

"Dubbiin kee milla kootiif ibssaa dha, daandii koo irrattis in ifa" (Faarfanna 119:105)

b. Karaa keenya nuu tolcha, yokkis nu qajjelcha.

"Dargaggeessi maaliin adeemsa isaa qulla’ummaatti eeguu danda’a? Akka dubbii keetti adeemsa isaa qajeelfachuudhaan eeggachuu in danda’a." (Faarfanna 119:9)

c. Jireenya keenyaf jabina nu kenna

"Ammas harka Waaqayyo isa isin jabeessu, dubbii ayyaana isaa isa qulqulloota isaa hunduma gidduutti dhaala isiniif kennuu dandda'uttis isin nan kennadha." (Hojii Ergamootaa 20:32)

d. Abdii Waaqayyo nutti mul’issa (1 Qorontos 2:9-12; 2 Phexros 1:21)

e. Billaa haffuuraati

"Sagalee Waaqayyoo akka billa hafuura qulqulluu fudhadha." (Efesoon 6:17)

f. Nyaata hafuuraati

"Akka mucooliin reefuu dhalatan aannan barbaadanitti, isinis fayyinaaf ittiin guddachuudhaaf yeroo hundumaa dubbi hafuuraa isa haxxummaan keessa hin jirre akka aannanii sana dhara'aa." (1 Phexros 2:2)

g. Beekumsa dhugaati

"Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Qaaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa. Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan danda’e, hoji gaarii hundumaafis kan qophaa’e akka ta’u in godha." (2 Ximotewos 3:16-17)

                Dhugaan immoo birmaduu nu baasa.

Yesus Yihudoota warra isatti amananiin, "Dubbii kootti qabamtanii yoo jiraattan, egaa isin dhuguma bartoota koo ti. Dhugich in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa" jedhe. (Yohannis 8:31-32)

h. Burqaa ogummaafi hubannaa nu ta’a

"Abboommiinkee . . . diinotakoo caalaa ogeessa na godhe. Wanti ani irra-deddeebi’ee itti yaadu abboommii siif dhugaa ba’u wan ta’eef, ani barsiisota koo hundumaa caalaa nan qalbifadha. Ani ajajakee waanan egeef maanguddoota caalaa nan hubadha."
(Faarfanna 119:98-100)

i. Ittiin qajeelfamna

"Caaffata qulqullaa'aa, humna Waaqayyoos waan hin beekiniif irra kaattan." (Maatewos 22:29)

"Warra dubbicha [Waaqayyoo] hoji irra oolchan ta’aa malee warra dhaga’uu duwwaadhaan of gowwoomsan hin tainaa!" (Yaaqoob 1:22)

j. Akka ibidda nu qulleessa

"Dubbiin koo akka Ibiddaa mitii ree? akka burrusa dhagaa kataa caccabssuu mitii ree?" (Ermiyaas 23:29)

k. Akka burrusaa mata-jabinaa yaada garaa keenyaa cabssa (Ermiyaas 23:29)

l. Yaadaa fi akeeka garaa keenya qora

"Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba; billa gar-lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda'a." (Ibrootaa 4:12)

Sagaleen Waaqayyoo kana hundumaa nuuf ta'uu kan danda'u, yommuu dubbifnuu fi dhageenyu duwwaa utuu hin ta'in, dhageenyee hoji irra yommuu olchinu dha.

"Warra dubbicha [Waaqayyoo] hoji irra oolchan ta’aa malee warra dhaga’uu duwwaadhaan of gowwoomsan hin ta’inaa!" (Yaaqoob 1:22)

Amantoota wajjin tokkummaa qabaachuu

Barbadaan ibiddaa yoo kaphaashe taate, daftee dhaamtti. Akkanuma immoo amanttonni jaalalaan walitti dhiyaannee yoo walitti ho'uudhaa baanne in qabbanoofna. Kanaafis Kritaanni tokko amanttota garabiraa wajjin walitti qabamuu dhaaf wal-ga’ii iddo hafuurri qulqulluun itti hojjetutti dhaquutu isa irra jira.

Amantoota Warra Kaanii Wajjin Walitti Qabamuun Buusa Maalii Qabaa?

  1. Iddoo sanatti Waaqayyo eebba isaa in dhanglaasa
  2. "Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaaridha, attam namatti tolas! . . . eebbi jireenya hin darbinee achi irratti akka argamu Waaqayyo abboomera." (Faarfanna 133)

  3. Gooftaa Yesus achitti in argama

Yesus, "Iddoo namoonni lama yookiis sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani achitti isaan gidduutti nan argama" jedhe. (Maatewos 18:20)

Egaa, walitti qabamuun keenya isa Waaqesuuf, sagalee isaas dhaga'uf malee amantoota wajjin wal ga’uudhaaf duwwa miti.

  1. Jaalala wal argsiifna (Yohannis 13:34-35)
  2. "Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa!" (Ibrootaa 10:24)

  3. Hojii gaariidhaaf wal gargarra
  4. "Nuyi hojii harka isaatii ti, hojii gaarii isa Waaqayyoo duraan dursee qophesse keessa akka deddeebinuuf karaa Kristos Yesus uumamne." (Efesoon 2:10)

    Dhagni keenya bu'aa (kutootii dhagnaa) baayyee qaba. Hundumti isaani immoo guddinaa fi naggummaa dhagnichaf waligalanii hojjetu. Nuyis bu’aa dhagna Kristos isa tokkichaa waan taaneef kenna adda addaa nu kennameen wal gargarra.

    "Egaa’oo yaa obboloota ko, yeroo walitti qabamtanitti isin deessaa tokko faarfannaa, tokko barsiisa, tokko mul’ata qaba; inni tokko waan afaan hin beekamneen dubbatu, inni kaanis hiikaa waan dubbatame sanaa qaba. Wanti isaan qaban hun hundinuu waldaa kristiyaanaa cimsuudhaaf haa ta’an" (1 Qorontos 14:26)

  5. Waliin mari'achuudhaan wal jajjabeessina

"Akka jara tokkotti amala ta’e, nuyi walitti qabamuu keenya hin dhiifnu; guyyaan goofta dhi’aachaa akka adeemu in argitu, kanaaf ittuma caalchifnee wal jajjabeessina." (Ibrootaa 10:25)

Kristaana Ta’anii Jiraachuu

‘Kristaana’ jechuun nama Kristosin dukka bu’uu, yokkis barsiisa fi jireenya Kristositti kan of kenne jechuu dha.

"Anaaf, Kristos jireenya koo ti; du’uun immoo bu'aa koo ti." (Filiphisiiyus 1:21)

Ddubbiin kun dhugaa ba’uu Phaawuloosi ti. Phaawulos yoo jiraate, Kristosiif jiraata; yoo du’ee immoo goofta isaa bira akka dhaqu shakkii malee beeka. Kanaaf waan fedhe yoo ta’ee iyyuu Kristos wajjin ijja jiratuuf duuni illee isa hin sodachifne. Nuyis akkuma isaa Kristosiin gara jireenya Keenyatti simmaneerra. Kanaf Kristos, haffurri Waaqayyos nu kessa jirata. Egaa jireenyi nuyi jiraannu Kristosiifi.

Waa’ee Daawit, Hojii Ergamootaa 13:36 irratti, "Daawit bara isaatti akka jaalala Waaqayyotti hojjetee, yommuu du'e abboota isaa biratti awwaalemee" jedha. Nuyis bara jireenya keenyaatti akka yaada Waaqayyotti hojjechuutu nuuf ta'a.

Akkamitti Kristosiif Jiraanna?

Kiristtoosif jirachuun fedha isaa beeknnee isaaf jiraachu olchu dha. Gaaffiin nuyi gaafachuun nu irra jiru garuu "fedha Waaqayyoo akkamittan beeka?" Kan jedhudha. Waaqayyo fedha isaa akka nuyi beknu barbaadee hundumaa isaa macafa keessatti nu katabeera.

"Ani, jecha fo'amaa, beekumsaafi gorsa ba'eesa of keessaa isan qabu siif hin cafnnee ree? warra si erganiif deebii amanamaa akka deebiftuuf dubbii dhugaa sana ani si hin barsiifnee ree?" (Fakkeennyaa 22:20-21)

Seera isaa irraa adda baanee fedha Waaqayyoo beekuu hin dandeenyu. Sagalee Waaqayyoo kophaa keenya yommuu qorannu yookiis gara waldaa Waaqayyoo dhaqnnee yommuu barru fedhi Waaqayyoo caalchisee nuu ifaa adeema. Sagaleen Waaqayyoo erga nuu galee booddee garuu akka nuu gale sanatti yoo jiraachuu dhaa baanne dhaga'ufi dubbisuu duwwaan maayii nuu hin baasu.

"Akka inni ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo deddebine, nuyi walii keenyaa wajjin tookummaa qabna; dhiigni ilma isaa Yesus immo cubbuu hunddumaattii nu qulleessa." (1Yohannis 1:7)

"Dubbiin kee miilla kootiif ibsaadha, daandii koo irrattis in ifa." (Faarfanna119:105)

Akka sagalee Waaqayyotti yoo jiraanne, ifa keesa deddebiina; Kristosii wajin immoo tokkummaa qabna; mucucaannee cubbuutti yoo kufne illee dhiignni Yesus Kristos nu qulleessa.

Waaqayyo Waa’ee Fedha Isaa Lamaan Tokko Cimsee Nuutti Himaa

"Isaan [Fariisota] keessaa immoo namichi seera beekaan tokko Yesusin qoruudhaaf gaafii isa gaafatee, ‘yaa barsiisaa, seera keesaa abboommiin inni hundumaa irra caalu isa kami?’ jedhe. Yommus Yesus deebisee, ‘‘Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a.’ Abboommiin hundumaa irra caalu inni duraa isa kana. Abboommiin inni lammaffaan akkuma isa duraa ti; Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta'a.’ Seerrii fi barsiissi raajotaa hundinuu abboommii kana lamaan irra dhaabatanii jiru’ jedhen". (Maatewos 22:35- 40)

1. Waaqayyoon garaa keenya guutuudhaan, yaada keenya guutuudhaan, humna keenya guutuudhaan jaallachuu

Akka kanatti Waaqayyoon yoo jaallanne waan isa jibbisiisu hin hojjennu. Waan inni hojjedhaa nuun jedhe immoo in hojjenna. "Yesus itti fufee, ‘Isin Yoo na jaallattan, abboommota koo in eegdu’" jedhe. (Yohannis 14:15)

"Ammas yaa obboloota koo, araara Waaqayyoof jedhaati namummaan keessan qulqullaa'aa dhafi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti, arsaa jiraatu gootanii akka isa dhi’eesitan isin nan gorsa; akkasittis hafuuraan Waaqayyoof in sagaddu. Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessani haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha." (Roomaa 12:1-2)

2. Akka of jaallannutti namoota garabiraa jaallachu

Namoota akka lubbuu keenyaatti yoo jaallanne waan hamaa isaan irratti hin hojjennu; waa'ee isaaniis hammeenyaan hin yaadnu. Namoonni akka nuu godhan waan barbaannu hundumaa, nuyis isaaniif in goona. Keessumattuu, warra jireenya barbaraa, isa Yesus Kristos tola kennu, hin argganneef in kadhannaa, dhugaas in baanaaf.

 Kristosiif Dhugaa ba'uu

"Isin garuu qomoo fo'amaa dha; luboota mana motummaa ti; saba qulqullaa'aa dha; warra dhuunfaa Waaqayyoo ta'anii dha; Waaqayyo hojii isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin waame." (1Phexros 2:9)

Gooftaan Yesus Kristos kan itti amanannu fi kan itti koorru malee kan itti qaanofnu miti.

"Itti fufees Yesus, ‘Eenyu illee namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa ba'ee yoo mul’ise, anis abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti dhugaa nan ba'aaf. Eenyu illee namoota duratti yoo nagane garuu, anis immoo abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti isa nan gana’ jedhe" (Maatewoos 10:32-33)

"Dhugaa Ba'uu" Jechuun Maal Jechu dhaa?

"Waa'ee isa jalqabaa jalqabee ture, sagale jireenyaa sanaa isiniif in caafna. Nuyi isa dhageenyerra; ija keenyaan isa argineerra; ilaallees harka keenyaan isa qaqqabanneera. Jireenyichi mul’ifameera; nuyi isa argineerra; isaafis dhugaa in baana; jireenya barabara isa abbaa bira ture, nuttis mul’ifame kana isinitti in himna." (1Yohannis1:1-2)

Dhugaa ba’uuu dhaf abbaa firdii duratti akka dhi’annu yoo waamamuu dha bannee iyyuu, waa’ee isaa dhaga’uun keenya in olle. Namni dhugaa ba’uuf waamammu waa’ee seeraa falmuuf qophaaee hin dhaquu. Isaaf kan barbaachisu yommuu isa gafatan waan argef, waan dhagaeef, waan ta’ee dhugaa dubbachu duwwa dha. Kristaaniis akkasuma waa’ee Kristos isa dhaga’ee, karaa Kristos irra erga bu’ee immoo jireenya isa kessatti geddaramni mal mal akka ta’ee mul’isee dhugaa ba’aa. Kana achi nama ammansiisu dhaaf jireenya isa geddaruu dhaaf hin waammamne, inni hojji hafuura qulqullutti. Waaqayyof darbee akka dhabbatuufis hin waammamne, inni ofii isa of in dandaaa. Isatu darbee nuf dhabbata malee nuyi isaf hin dhabbannu. Egaa, dhugaa ba’umsa jechuun waa’ee jireenaya haaraa fi jireenya bara baraa isa Kristos irra arganne sana warra kaanitti himuu; waa’ee araara goofta isa ofi arganne warri kaanis akka argataniif gara isatti waamuu dha.

Akkamitti Kiristoosiif Dhugaa Baanaa?

a) Jireenya keenyaan

"Isin ifa biyya lafaa ti. Mandarri tulluu gubbaatti ijaarame dhokachuu hin danda'u. Homtinuu ibsaa qabsiisee guuboo jala hin kaa'u; baattu ibsaa irra kaa'a malee. Ibsichis mana keessa kan jiran hundumaaf in ibsa. Namoonni hojii keessan isa garii arganii abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif, ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!" (Maatewos 5:14-16)

Jireenyi keenya ifa Kristos kan mullisu ta'uutu irra jira. Akki itti nuyi jiraannu Kristosiif dhugaa hin ba'u tanaan, afaan keenyaanis utuu dhugaa ba'uu dhiifnne wayya; jireenyi keenya isa afaaniin dubbannu caalaa in dubbata'o.

b) Dubbii afaan keenyaan

Dhugaa ba'umsi keenya jireenya duwwaa dhaan utuu hin ta'in afaaniin dubbachuudhaanis ta'uutu irra jira.

"Kristosiif garuu akka gooftaatti garaa keessan keessatti ulfina addaan ba’e kennaaf! Waa'ee abdii isin keessa jiruuf, nama isin gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii ga'u deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaa'oo ta'aa. Deebiin keessanis arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis haa ta'u! (1Phexros 3:15-16)

"Waaqayyoon galateeffadhaa; maaqaasaa waammadhaa, gocha isaas saba hundumaa keessatti beeksisaa!" (Faarfanna 105:1)

"Isin garuu qomoo fo'amaa dha; luboota mana motummaa ti; saba qulqullaa'aa dha; warra dhuunfaa Waaqayyoo ta'anii dha; Waaqayyo hojii isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin waame." (1Phexros 2:9)

Afaaniin yommuu dhugaa baanuu:

1. Waan Gooftaan jireenya keenya keessatti hojjete, jireenya akkamii keessaa akka baane, gara jireenya akkamiittis akka ceene dubbachuu dha.

2. Namoonni araara Waaqayyoo akkamitti aka argatan waan gooftan caaffata keessatti mul’ise sana himuu dha.

a) Waaqayyo cubbamoota in jallata, (Yohannis 3:16, Ermiyas 29:11)

b) Namni hundumtuu cubbamaa dha; beenyaan cubbu immoo badiisa barabaraa ti,
(Roomaa 3:23, 6:23)

c) Yesus Kiristos cubbuu keenyaaf du'e, yaada garaa keenya gedarannee isatti yoo amanne jirenya barabaraa nu kenna. (Roomaa 5:8; Yohannis 3:16, Roomaa 10:9-10, Mul’ata 3:20)

"Kanaafis namni kan Kristos yoo ta’e, uumama haaraa dha; inni moofaan darbe, kunoo inni haaraan dhufeera. Kun hundumtuu Waaqayyo isa karaa Kristos ofitti nu araarse biraa ta’e; inni hojji araarsuu isaa kanas namootatti akka dabarsinuuf nuuf kenne. Kunis, Waaqayyo irra-daddarbaa namootaa itti lakkaa’uu dhiisee, karaa Kristos biyya lafaa ofitti araarse jechuu dha; ergaa araara isaa kana immoo hadaraa nutti kenne. Egaa nuyi afaan Kristos taanee ergamneera; Waaqayyos karaa keenya isin in dhageessifata; ‘Waaqayyotti araaramaa!’ jennee qooda Kristos taanee isin in kadhanna. Isa cubbuu tokko illee hin qabne, nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka argannutti, nuuf jedhee cubbamaa isa godheera." (2 Qorontos 5:17-21)

"NAMNI HAMMA DHUMAATTI JABAATEE DHAABATU GARUU IN FAYYA"  (Maatewos 24:13)

 

If you have questions/comments, we want to hear from you.  

webmaster@globalgoodnews.org

Global Good News Literature

P.O.Box 451336

Los Angeles, CA 90045

(C) Copyright 1997 Global Good News Literature 

Qomo Kristositti Laka’amuu | Kristos Duuka Bu’uu |

Kristaana Ta’anii Jiraachuu  | Kristosiif Dhugaa Ba'uu |

Top of Page

Hit your browser's back button to return to Oromiffa page