| Qomo Kristositti
Laka’amuu
Qomo Kristositti Laka’amuun maal jechuudhaa?
"Hamma isa simatanif immoo ijoollee Waaqayyoo
akka ta’aniif aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqa isatti amananii dha."
(Yohannis 1:12)
Abbumti fedhe gosa tokotti laka’ammu kan danda’uu yoo ittii
dhalatee yokiin karaa guddifechaa yoo abboo argatee duwaa dha. Akkasumattis karra amantii
dhaan ijoollee Kristos ta’uu akka dandenyu macafa qulqullu kessatii Waaqayyoo nutti
himera. Kun ta’uu kan danda’uu kristiyaana warra ta’ani irra dhalachu dhaan
yokis ijjoollummati cuuphamu dhaan ottu hin ta’iin, karaa Hafuuraan Waaqayyooti yoo
dhalane dha. Yesus Kristos wa’ee kana nama barsiisa biyya Israa’el, Niqoodemos
itti akkas jedhee mul’isee:
"Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii
yoo dhalachuudhabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u" jedhe
[Kristos] deebiseef. Niqoodemos immoo, "Namni erga qancaree attamitti dhalachuu
danda’a? Gadameessa haadha isaatti lammaffaa galee, dhalachuu danda’a moo?"
jedhee Yesusin gaafate. Kanaaf Yesus, "Dhuguma, dhuguma sitti hima, eenyu illee
bihsaanii fi hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhabaate, mootummaa Waaqayyootti galuu
hin danda’u. Nama foonittii kan dhalate foon, hafuurattii kan dhalate hafuura."
(Yohannis 3:3-6)
Egaa, Kristiyaana ta’uun ilman Waaqayyoo ta’u dha. Ijoollee
Waaqayyoo ta’un immoo gosa Waaqayyoo ta’u dha. Kun hundumtuu "Yesus Kristos
fayisaa koo fi Gofta kotii" jedhe nama itti amanautuf in ta’a.
"Namni
isatti amanu hundinuu hin yeella’u."
"Namni
maqaa gooftaa waammatu hundinuu in oola." (Roomaa 10:11, 13)
Ani
Muccummakootii Jalqabee Kristaana?
Amanttii kristaanaa namni erga guddatee booda hubatee kan fo’atu dha male akka
qabeenya lafaa warra ofii irraa waan dhaalan miti. Waan abbaan doktora ta’eef ilmi
doktora hin ta’u. Abbafi haati keenya amantoota, yookis Kristaana waan ta’aniif
nuyis Kristaana taanee dhalachuu hin danddeenyu. Amanttiin isaanii fakkeenya gaarii nuuf
ta’ee sodaa Waaqayyotiin akka gudannuuf nu gargaruu in danda’a. Kana irraa kan
haffe, sabni biya lafaa attamitti Kristaana ta’uu akka danda’u Waaqayyo
sagaleesa kessatti nuti himeera:
- Cubbamaa akka ta’e bekudhaan
"Hundinuu yakkaniiru; ulfinni Qaaqayyoos
isaanitti hir’ateera." (Roomaa 3:23)
- Yesuus Kristos cubbuu isaatiif akka due amanuudhaan
"Utuma cubbamoota taanee jirruu Kristos nuuf
jedhee du’eera." (Roomaa 5:8)
- "Cubbuu ani hamma har’aatti hojjedhe hundumaa naa dhiisi"
jedhee, garaa isaa guutuudhaan qalbbii diddirratee, Yesus Kristosiin fayyisaa isaa fi
goftaa isaa godhatee fodhechuudhaan.
"Bara wallaaluma isaani Waaqayyoo namootatti
lakka’uu dhiiseera; amma garuu namni hunddinuu iddoo hunddumaatti qalbbii akka
diddirratu abboomeera." (Hojii Ergamootaa 17:30)
"Dhiignni ilmma isaa Yesus immoo cubbuu hunddumaattii nu
qulleessa." (1 Ergaa Yohannis 1:7)
"Kunoo! Ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta;
namni sagalee koo dhaga’ee balbala yoo anaaf bane, ani ol nan lixa."
(Mul’ata Yohannis 3:20)
Kanaan dura kana hubattee Kristosiin fudhachuudhaf murtee hin goone yoo
ta’e akkana jedhitii kadhadhu.
"Yaa gooftaa, ani cubbamaa ta’uu koo nan
beeka. Amantii Kristaana dhaalaan argachuu akka hin dandeenye hubadheera. Muccumakootii
jalqabee cubbuu ani hojedhe hundumaa naa dhiisi. Dhiiga keetiinis na qulqullessi. Balbala
garaa koo siif baneera. Fayyisaaf gooftaa jireenya koo na ta’i. Waan na dhageeseef
sin galateefadha. Ameen!"
Wa’e Yesusiin Simaachuu
Dubbiin "Yesusiin Simaachuu" jedhamuu kunii fayiisaan keenya Waaqayyo biraa
gadii dhufu isaa nutti mul’isa.
"Waaqayyoo, akkasitti tokkicha ilma isaa (Yesus
Kristosiin) hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kum immoo isatti kan amanu hundinuu
jireenya bara baraa ha qabaatuuf malee, haa baduuf miti! " (Yohannis 3:16)
Nuyii fakeenya hoolaa tiksituu jala baddeetti laka’amna. Inni immoo
hoolatti badee oolchuuf barbaacha ishee kan ba’ee, fakeenya tiksee gariitii. Isaatu
dura gara keenyatii dhufee gara isaati nu wammatee; nuyi immoo fayyina barbanee owwaanee.
Yommus dubbin Waaqayyoo inni akkas jedhu in rawwatame:
"Har’a fayyini maatii kanaaf
ta’eera… ilmi namaa [Yesus] isa bade barbaaduudhaf fayyisuudhafis dhufera"
(Luqaas 19:18-19).
Karaa tokkon yoo ilaalle immoo, fayyisaan keenya Yesus Kristos qoricha
cubbutii. Qorichi tokko kan nama fayyisu yoo isaa dhugan, liqimsan, yookiis marfee isaa
yoo waraannataan malee fayyisuu hin danda’uu. Qoricha harkkatti batanii,
"qorichi kun akka na fayyisu danda’uu nan amana" jechuudhaan duwwa fayyinni
hin argamuu. Yesus Kristosiinis akkanuma amantiidhan gara laphee keenyatti yoo isaa
simachuu dha baanne, wa’ee isaa bekumsa qabachuu dhan duwwa dhukkubaa cubbu irra
fayyinee jireenya bara bara argachuu hin dandeenyu.
Yesus Kristosiin Yommu Simanne Jirenya
Keenya Keessatti Diddirama Maaltu Ta’e?
- Ijoolle Waaqayyoo taane.
"Hamma isa simatanif immoo ijoollee Waaqayyoo
akka ta’aniif aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqa isatti amananii dha."
(Yohannis 1:12)
Akka sagalee kanaatti namni hundinuu ijoolle Waaqayyoo akka hin taane
hubanna. Kanan duraa akka jedhameetti, ijoolle Waaqayyo
ta’uudhaaf qalbii diddirrannee garaa dhuga-qabeessaan Yesus Kristosiin simachuutu nu
irra jira.
- Hafuuraan lammata dhalanne.
"Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii
yoo dhalachuudhabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u" (Yohannis
3:3)
"Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu
hin ta’in, akka araara isaatiitti dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin, hafuura
qulqullutiinis nu fayyise."
(Tiitoos 3:5)
- Uumama haaraa taane.
"Kanaafis namni kan Kristos yoo ta’e, uumama
haaraa dha; inni moofaan darbe, kunoo inni haaraan dhufeera." (2 Qorontos 5:17)
- Dukkana keessaa gara ifaatti ceene.
"Isin garuu qomoo fo’amaadha; luboota mana
mootummaa ti saba qulqullaa’aa dha; warra dhuunfaa Waaqayyoo ta’anii dha;
Waaqayyo hoji isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa, gara ifa isaa isa
dinqisiisaatti isin waame. (1 Phexros 2:9)
- Saba Waaqayyoo taane.
"Isin takka saba Waaqayyoo hin turre, amma garuu
saba isaa taatanittu; isin araara Waaqayyoo hin argatin turtan, amma garuu araara isaa
arggattaniittu." (1 Phexros 2:10)
- Du’a keessaa gara jireenya bara baraatti ceene, yokkis darbinee.
"Isin kanaan dura irra-daddarbaa keessanii fi
cubbuu keessaniin [karaa hafuuraa] duutanii turtan… Araarri Waaqayyoo garuu
baay’ee waan ta’eef, jaalala isaa isa guddaa sanaan nu jaallate. Nuyi
irra-daddarbaa keenyan karaa hafuuraa du’oo taanee utuma jirruu, inni warra Kristosii
wajjin jiraatan nu godhate; isin ayyaana Waaqayyootiin fayyifamtan." (Efesoon 2:1,
4-5)
Yesus akkas jedhe, "Dhuguma, dhuguman isinitti
hima, dubbii koo dhaga’ee isa ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni
du’a keessaa gara jireenyaatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu." (Yohannis
5:24)
Mootummaa
Waaqayyootti Akka Gallu Shakkii Malee Beekuu Dandeenyaa?
Sagaleen Waaqayyoo, 1 Yohannis 5:13 irratti, "Isin
warri maqaa ilma Waaqayyootti amantan, jireenya bara bara qabaachuu keessan akka
beektaniifan kana huundumaa isiniif caafe" jechuudhaan
jireenya bara baraa qabaachuu keenya beekuu akka danddeenyu fi beekuunis akka nu irra jiru
nu hubachiisa. Waan beekuun nu irra juru hundumaa Waaqayyo homaa otuu nu hin oksiin
sagalee isaa keessatti nutti mul’iseera.
"Namni ilma Waaqayyoo [Yesus Kristosiin] qabaatu
jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu." (1
Yohannis 5:12)
Akka sagalee kanaatti namni hunddumtuu iddo lamatti hirama: garri tokko
warra jireenya bara baraa qaban yoomuu ta’uu, garri kaan immoo warra jireenya bra
baraa hin qabne dha. Gar-gar ba’uumma laman kana gidduu jiru immoo Yesus Kristos
jireenya keenya kessa jiraachuu isaatif dhabamuu isaatii.
Yesus Kristos jireenya keenya keessa yoo jiraatee, nuyi ijoollee Waaqayyoo ta’uu
keenya hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaf dhugaa akka bau sagaleen Waaqayyoo in dubbata:
"Hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin walii
galee, ijoollee Waaqayyoo ta’uu keenya dhugaa in baa. Nuyi ijoollee Waaqayyoo erga
taanee, warra waan hundumaa argatan in taana; waan kana hundumaas Waaqayyoo biraa in
arganna; Kristosii wajjin erga dhiphannee, isaa wajjin immoo ulfaachuudhaaf, waan Kristos
argatu hundumaas isaa wajjin in arganna." (Roomaa 8:16-17)
Kristos Duuka Buuu
"Akka ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqayyoo
fudhadha." (Efesoon 5:1)
Namni lammaffaa dhalatee dhugaa dhaan Kristaana ta’ee amaanti
isaatti cimaa ta’e jabbachuutu isa barbachisa. Guddina muuca reef dhaalatef waan
baayyeen akkuma barbbaachisu, Kristaanni tokkos akka cimuuf waan baayyee tu isa
barbbachisa. Isaan kessa wanti sadii kunootii:
- Kadhata gochuu
- Sagalee Waaqayyoo dubbisuu yookiis dhaga’uu
- Tookummaa amantoota keessatti argamuu
Waa’ee
kadhataa
Guddina Kristaanaatiif kadhannan baayyee barbbachisa dha. Yommuu
kadhannu cubbuu keenyaa fi dadhabbi keenya hundumaa Waaqayyotti himanna. Ayyaana fi araara
Waaqayyoo immoo in arganna. Kuun ta’uu baanaan jireenyi keenya dadhaba adeema.
Waaqayyoo fi saba isaa irraa fagaachaa adeemuudhaan gara jireenya isaa duriitti in
deebina. Kanaaf sagaleen Waaqayyoo akkas jechuu dhaan nu gorsa:
"Yeroo hundumaa gammadaa! Kadhata keessan ittuma
fufaa malee in dhiisinaa! Waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa! Waaqayyo karaa
Kristos Yesus kana gochuu keessan in fedha." (1 Tasaloniiqee 5:16-18)
"Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra
deebi’ee nan jedha, gammadaa! Garraamummaan keessan nama hundumaa biratti haa
beekamu! Gooftaan dhi’oo dha, dhi’ootti in dhufas. Waan hundumaatti, kahataa fi
himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee,
waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa
irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega."
(Filiphisiiyus 4:4-7)
Kadhannan Maal’innii?
Namni tookko kadhannaa dhaan Waaqayyo wajjin wal arga. Yommuu kadhatu gadda yookiis
gammachuu; galata yookiis komii garaa dha qabu Waaqayyotti himata. Waaqayyofis in sagada.
Garaa isati immoo Waaqayyon in dhaggeeffata. Kadhannan rakina mata ofii Waaqayyotti
himachuu duwaa otuu hin ta’in, isa Waaqayyo nutti dubbatus dhaggeffachuu of keessaa
qaba. Kophatti sagalee Waaqayyoo yommuu dubbifannu Waaqayyo nutti dubbata; yookiis hafuura
isaatiin garaa keenyatti dubbata.
Kutaa kadhannaa:
- Kadhata Qalbbii Diddirrachuu
- Kadhata Himataa
- Namaaf Kadhachuu
- Kadhata Galataa
- Kadhata aboo
Kadhata
Qalbi Diddirachuu
Cubbuun keenya nuuf Waaqayyo gidduu galee walii-galtee keenya waan
ballessuuf, dafnnee qalbbii diddirrachuu dhan qajeelchuu tu nu irra jira. Kanaaf kadhanni
kun isaan kan keessaa isa duraa ta’unsaa barbachissa dha.
"Ani hamaa gochuu garaa kootti utuun yadeera
ta’ee, gooftichi matumaa ana hin dhaggeeffatu ture." (Faarfanna 66:18)
"Kunoo! Harki Waaqayyoo gabaabbatee isin fayyisu hin
dadhabnne; gurri isaas duudee iyya keessan dhaga’uu hin dhabnne; yakki keessan isniif
Waaqayyoo keessan gidduu goree gargar isin inn ittisse; akka isiniif hin dhageenyettis
sababii cubbuu keessaniitiif Waaqayyoo fuula isaa isin irra in deebisee." (Isaayaas
59:1-2)
Keesumatttu cubbuun nitti dhaga’amu yoo jiraate dafnnee qalbbii
didirrachuu dhaan Waaqayyon dhiifama gaafachuu tu nu irra jira.
"…Dhiigni ilma isaa Yesus immoo cubbuu
hundummaattii nu qulleessa."
(1 Yohannis 1:7)
"Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi
qajeelaa waan ta’eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal’ina keenya hundumaattiis
nu qulleessa." (1 Yohannis 1:9)
"Yaa ijoollee ko, akka isin cubbuu hin hojjenneef kana
isiniifan caafa; namni tkko ille yoo cubbuu hojjete garuu, nama nuuf dhaabatu abbaa biraa
qabna, innis Yesus Kristos isa qajeelaa dha." (1 Yohannis 2:1)
Yaada garaa keenya keessatti wanti nu yellasisu hin jiru yoo ta’e
garuu, kadhata qalbbii diddiirrachuu kadhachuu nu hin barbbaachisu.
"Yaa michoota ko! Garaan keenya yeroo nutti hin
farannettis, Waaqayyo duratti ija-jabina qabna." (1 Yohannis 3:21)
Yeroo tokko tokko garuu cubbuun nu duraa dhokate jiraachuu waan
danda’uuf "cubbuu dhokate irraa na olchi; akkan irraa eggadhuuf immoo
natti mul’issi" jennee kadhata gochuun garii dha:
"Wanta utuu hin beekin irraa kaate eenyutu
hubachuu danda’a ree?
Balleessaa koo isa na duraa dhokate kana anatti hin ilaalin!" (Faarnanna 19:12)
Kadhata Himataa
Sagaleen Waaqayyoo, "Kadhadhaa
isiniif in kennamaa, barbaadaa in argatuu, balbala rukutaa isniif in banama. Kan kadhatu
hundinuu in fudhata, kan barbaadus in argata, balbala kan rukutuufis in banama" jedha. Kanafiis waan nu barbbaachisu himmachuu
dhaaf kadhatan fuula Waaqayyoo duraa dhi’achuuf abboo ijoollummaa qabna. (Maatewos
7:7-8)
"Waan hundumaatti, kahataa fi himataan galataa wajjin wanti
isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin
qabaatinaa!" (Filiphisiiyus 4:6)
"Ini sinif waan yaaduuf, yaaddoo keesssan hundumaa
Waaqayyotti gataatii dhiisaa." (1 Phexros 5:7)
Kadhata keenya fuula Waaqayyoo duraa yommuu dhiyeeffannu, deebii akaakuu
sadan kana keessa tokko arganna:
a) "TOOLE! "
Waaqayyo abbaa keenyaa fi tiksee keenya. Waan nuyi isa kadhanne sun nuf
barbbaachisa yoo ta'ee fi ulfina isaaf ta’a taanaan "toole" jechu dhan debii nuu kenna.
Yesus "Isin keessa abbaa kan ta’e, ilmi isaa
buddeena yo kadhate, isa inni kadhate dhowwatee, dhagaa kennafii ree? Qurxummii yoo
kadhate, qurxummii isa inni kadhate dhowwatee, bofa kan kennuf jiraa ree? Yookiis ilmi
isaa hanqaaquu yoo kahdate, torbaanqabaa in kennaafii ree? Egaa isin hamoota taatanii utuu
jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii abbaan keessan inni
waaqa irraa ammoo, hammam isin caalaa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!"
jedhe. (Luqaas 11:11-13)
"Waaqayyo tikseekooti, ani homaa hin dhabu."
(Faarfanna 23:1)
b) "TURI! "
Waan nuyi kadhanne jireenya keenyaaf barbbaachisaa, ulfina Waaqayyofis
kan ta'u yoo ta'e iyyuu, yeroon Waaqayyoo yeroo keenyaa wajjin adda adda waan ta'eef turi
nuun jechuu in danda'a. Yeroo tokko tokko immoo waan kadhanne sana caalaa obsi waan nu
barbbaachisuuf deebiin kadhannaa keenyaa in tura. Yeroo kaan immoo, amanttiin keenya akka
guddatu Waaqayyo waan barbbaaduuf gaffii keenya yeroo nuyi barbbaannetti nuu hin deebisuu.
Kana malees yeroo tokko tokko waan kadhanne Waaqayyo harkaa fudhachuu dhaaf ga'aa taanee
hin argamnu ta'a. Kanaafis hamma qophofnutti deebiin nuuf hin keennamu.
Egaa, Solomoon mootichi "Wanti hundinuu yeroo
qaba; wanti banttii waaqaa jala jiru hundinuu yeroo qaba" jedhee
akkuma dubatee, deebiin kadhata keenya gafa Waaqayyo jedhe ta’a. (Lallabaa
3:1)
C) "WAAWUU" (hin kennu)
Abbaan, waan ijoolleen isaa isa kadhatan hundumaa toole jedhee
kennuufiin irra jira jechuun rakisaadha. Waaqayyo Abbaa keenya inni waaqa irraas akkasuma
utuu hin hubatin waan nuyi isa kadhannee hundumaa nu hin kennu. (Maatewos
20:20-22)
Akka sagalee Waaqayyootti sababii sadii dhaf waan barbbannu hin arganuu:
Hin kadhannu waan ta'eef;
". . .
Waaqayyoon kadhachu waan dhiiftanniif, wanta barbaaddan qabaachuu dadhabdan" (Yaaqoob
4:2)
Akka jaalala Waaqayyootti yoo kadhachuu
dhaa baanne;
(Yaaqoob 4:3; 1Yohannis 5:14-15)
Cubbuu in hojjenna yoo ta'e.
"Ani hamaa gochuu garaa kootti utuun yaadeera
ta'ee, gooftichi matumaa ana hin dhaggeeffatu ture." (Faarfanna 66:18)
Namaaf Kadhachuu
Kadhannan akkasii ofii keenyaaf otuu hin ta'in, rakina namoota gara biraadhaaf kan
kadhannu dha.
1. Yaada mataa keenyan geggeffamnee namaaf kadhanna.
"Waan hundumaatti, kahataa fi himataan galataa
wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti
yaaddoo hin qabaatinaa!" (Filiphisiiyus 4:6)
Jireenya namaa keessatti dadhabbii yommuu agarruu, akka inni dadhabbii
isaa irraa hiikamu kadhachuuf malee akka itti faradnuf hin ajajamne. (Roomaa
14:1, 1Yohannis 5:16)
2. Hafuurri qulqulluun nu keessa kadhata. Jechuun, waan hundumtuu akka fedha
Waaqayyootti akka raawwatuuf hafuurri nu keessa taa'ee in kadhata.
"Hafuurichis immoo akkuma kanatti dadhabbii
keenyatti nu gargaara. Nuyi maal kadhachuun akka nuuf barbaachisu akka ta'utti hin beeknu.
Hafuurichi garuu aaduu isaatiin karaa namni dubbiidhaan mul'isuu hin dandeenyeen nuuf in
kadhata. Hafuurich akka jaalala Waaqayyootti warra isaaf qulqullaa'aniif in kadhata.
Waaqayyo inni garaa namaa fonqolchu immoo, yaada hafuurichaa in beeka." (Roomaa
8:26-27)
3. Nama hin duuneef kadhana. Qulqulloonni fi toloonni erga du'anii booda
yookiis ergamoonni Waaqayyoo namaa kadhachuu hin danda'an. Nuyis kadhata akkasii kan goonu
hamma biyya lafaa kana kessa jirrutti. (Lallabaa 9:4; Mul’ata 22:8-9)
Kadhata
Galataa
Kadhata kana hundumaa caalaa kessa deddeebinee kadhaehuutu nu irra
jira. Sababiin isaa immoo Waaqayyo wajjin tokkummaa guutuu qabaachuu kan danddeenyu
galataan yoo isa waaqeffanne dha.
Kadhata galataa Lamatu jira:
1. waan Waaqayyo nuu godheef Waaqayyoon galateeffachuu.
(Faarfanna 103:1-5)
2. Eenyummaa isaatif Waaqayyoon galateeffachuu.
(Faarfanna 118:1 Iyyob 1:21; 42:2)
Kadhata Aboo
Ijoollee Waaqayyoo ta'uu keenyaan aboo nuuf kennametti seexanaan mormina. Kan isa
morminu immoo:
- Maqaa Yesusiin
Phaawulos hafurricha hamadhaan, "Maqaa Yesus
Kristosiin akka ishe keesaa baatuuf, sin abbooma!" jedhe; hafuurichi achumaan ishee
keessaa ba’e. (Hoji Ergamootaa 16:18)
- Dhiiga Yesusiin
"Obbolonni keenya immoo dhiiga hoolichaatiin,
dubbii isa dhugaa ba’aniinis isa [jechuun, seexanicha isa isaan hadheessaa ture]
mo’aniiru; isaan du’atti waan isaan geessu yoo ta’e iyyuu, lubbuu isaanii
hin mararsiifanne." (Mul’ata 12:11)
3. Segalee Waaqayyootin
Yesus, Seexana isa qooraa tureen, "Seexana nana,
argaa koo duraa turi! ‘Waaqayyoo kee gooftichaaf jilbeenfatte sagadi isa duwwaafis
hojjedhu!’ kan jedu caafameera" jedheen. (Maatewos 4:10)
"Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; seexanaan immoo
mormmaa! Innis isin dhiisee in baqata. Waaqayyootti dhi'aadhaa, innis isinitti in
dhi'aata.Isin warri chubamoonni, harka keessan qulleeffadhaa. Isin warri garaa
walaallammii garaa keesan qulqulleeffadhaa! (Yaaqoob 4:7-8)
Sagalee
Waaqayyoo dubbisuu
yookiis dhaga’uu
Bishaanii fi albuudaan (nyaata lafa keessaa) guddina biqilaa mukaaf
barbbaachisa akka ta’e beekna. Guddinaf jabina ilmoo namaf immoo dhugaati waan akka
aannanii fi nyata gara garaa guyya guyyati kenninaaf. Akkasumas immoo, sagaleen Waaqayyoo
cimina hafuura Kristaanaf akkuma nyataati. Guyyuma guyyatis dubbisuun barbbachisaa dha.
Namni dubbii afaan Waaqayyoo keessaa bau hundumaan malee, nyata buddenna
duwwaadhaan hin jiraatu. (Keessa Deebii 8:3; Maatewos 4:4)
"Ammas hammina hundumaa, haxxummaa hundumaa, of arguu
dhabuu, weennoo, maqaa namaa balleessuu hundumaas of irraa fageessaa. Akka mucooliin
reefuu dhalatan aannan barbaadanitti, isinis fayyinaaf ittiin guddachuudhaaf yeroo
hundumaa dubbi hafuuraa isa haxxummaan keessa hin jirre akka aannanii sana dhara'aa. Isin
gaarummaa gooftaa miyeeffattaniittu yoo ta'e, kana in gootu." (1Phexros 2:1-3)
Sagaleen
Waaqayyo Jireenya Keenya Keessatti Bu'aa Maalii Qabaa?
a. Daandii jereenyaa keenyaf ifa nu ta’a
"Dubbiin kee milla kootiif ibssaa dha, daandii
koo irrattis in ifa" (Faarfanna 119:105)
b. Karaa keenya nuu tolcha, yokkis nu
qajjelcha.
"Dargaggeessi maaliin adeemsa isaa
qulla’ummaatti eeguu danda’a? Akka dubbii keetti adeemsa isaa qajeelfachuudhaan
eeggachuu in danda’a." (Faarfanna 119:9)
c. Jireenya keenyaf jabina nu kenna
"Ammas harka Waaqayyo isa isin jabeessu, dubbii
ayyaana isaa isa qulqulloota isaa hunduma gidduutti dhaala isiniif kennuu dandda'uttis
isin nan kennadha." (Hojii Ergamootaa 20:32)
d. Abdii Waaqayyo nutti mul’issa (1
Qorontos 2:9-12; 2 Phexros 1:21)
e. Billaa haffuuraati
"Sagalee Waaqayyoo akka billa hafuura qulqulluu
fudhadha." (Efesoon 6:17)
f. Nyaata hafuuraati
"Akka mucooliin reefuu dhalatan aannan
barbaadanitti, isinis fayyinaaf ittiin guddachuudhaaf yeroo hundumaa dubbi hafuuraa isa
haxxummaan keessa hin jirre akka aannanii sana dhara'aa." (1 Phexros 2:2)
g. Beekumsa dhugaati
"Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa
hafuura Qaaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf,
qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa. Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan
danda’e, hoji gaarii hundumaafis kan qophaa’e akka ta’u in godha." (2
Ximotewos 3:16-17)
Dhugaan immoo birmaduu nu baasa.
Yesus Yihudoota warra isatti amananiin, "Dubbii
kootti qabamtanii yoo jiraattan, egaa isin dhuguma bartoota koo ti. Dhugich in hubattu;
dhugichis birmaduu isin in baasa" jedhe. (Yohannis 8:31-32)
h. Burqaa ogummaafi hubannaa nu ta’a
"Abboommiinkee . . . diinotakoo caalaa ogeessa na
godhe. Wanti ani irra-deddeebi’ee itti yaadu abboommii siif dhugaa ba’u wan
ta’eef, ani barsiisota koo hundumaa caalaa nan qalbifadha. Ani ajajakee waanan egeef
maanguddoota caalaa nan hubadha."
(Faarfanna 119:98-100)
i. Ittiin qajeelfamna
"Caaffata qulqullaa'aa, humna Waaqayyoos waan hin
beekiniif irra kaattan." (Maatewos 22:29)
"Warra dubbicha [Waaqayyoo] hoji irra oolchan ta’aa
malee warra dhaga’uu duwwaadhaan of gowwoomsan hin tainaa!" (Yaaqoob 1:22)
j. Akka ibidda nu qulleessa
"Dubbiin koo akka Ibiddaa mitii ree? akka burrusa
dhagaa kataa caccabssuu mitii ree?" (Ermiyaas 23:29)
k. Akka burrusaa mata-jabinaa yaada garaa
keenyaa cabssa (Ermiyaas 23:29)
l. Yaadaa fi akeeka garaa keenya qora
"Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus
of keessaa qaba; billa gar-lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa
fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in
danda'a." (Ibrootaa 4:12)
Sagaleen Waaqayyoo kana hundumaa nuuf ta'uu kan danda'u, yommuu
dubbifnuu fi dhageenyu duwwaa utuu hin ta'in, dhageenyee hoji irra yommuu olchinu dha.
"Warra dubbicha [Waaqayyoo] hoji irra oolchan
ta’aa malee warra dhaga’uu duwwaadhaan of gowwoomsan hin ta’inaa!"
(Yaaqoob 1:22)
Amantoota wajjin
tokkummaa qabaachuu
Barbadaan ibiddaa yoo kaphaashe taate, daftee dhaamtti. Akkanuma immoo
amanttonni jaalalaan walitti dhiyaannee yoo walitti ho'uudhaa baanne in qabbanoofna.
Kanaafis Kritaanni tokko amanttota garabiraa wajjin walitti qabamuu dhaaf wal-ga’ii
iddo hafuurri qulqulluun itti hojjetutti dhaquutu isa irra jira.
Amantoota Warra Kaanii Wajjin Walitti
Qabamuun Buusa Maalii Qabaa?
- Iddoo sanatti Waaqayyo eebba isaa in dhanglaasa
"Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam
gaaridha, attam namatti tolas! . . . eebbi jireenya hin darbinee achi irratti akka argamu
Waaqayyo abboomera." (Faarfanna 133)
- Gooftaa Yesus achitti in argama
Yesus, "Iddoo namoonni lama yookiis sadii maqaa
kootiin walitti qabamanitti, ani achitti isaan gidduutti nan argama" jedhe. (Maatewos
18:20)
Egaa, walitti qabamuun keenya isa Waaqesuuf, sagalee isaas dhaga'uf
malee amantoota wajjin wal ga’uudhaaf duwwa miti.
- Jaalala wal argsiifna (Yohannis
13:34-35)
"Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis
kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa!" (Ibrootaa 10:24)
- Hojii gaariidhaaf wal gargarra
"Nuyi hojii harka isaatii ti, hojii gaarii isa
Waaqayyoo duraan dursee qophesse keessa akka deddeebinuuf karaa Kristos Yesus
uumamne." (Efesoon 2:10)
Dhagni keenya bu'aa (kutootii dhagnaa) baayyee qaba. Hundumti isaani
immoo guddinaa fi naggummaa dhagnichaf waligalanii hojjetu. Nuyis bu’aa dhagna
Kristos isa tokkichaa waan taaneef kenna adda addaa nu kennameen wal gargarra.
"Egaa’oo yaa obboloota ko, yeroo walitti
qabamtanitti isin deessaa tokko faarfannaa, tokko barsiisa, tokko mul’ata qaba; inni
tokko waan afaan hin beekamneen dubbatu, inni kaanis hiikaa waan dubbatame sanaa qaba.
Wanti isaan qaban hun hundinuu waldaa kristiyaanaa cimsuudhaaf haa ta’an" (1
Qorontos 14:26)
- Waliin mari'achuudhaan wal jajjabeessina
"Akka jara tokkotti amala ta’e, nuyi walitti
qabamuu keenya hin dhiifnu; guyyaan goofta dhi’aachaa akka adeemu in argitu, kanaaf
ittuma caalchifnee wal jajjabeessina." (Ibrootaa 10:25)
Kristaana Ta’anii
Jiraachuu
‘Kristaana’ jechuun nama Kristosin dukka bu’uu, yokkis
barsiisa fi jireenya Kristositti kan of kenne jechuu dha.
"Anaaf, Kristos jireenya koo ti; du’uun
immoo bu'aa koo ti." (Filiphisiiyus 1:21)
Ddubbiin kun dhugaa ba’uu Phaawuloosi ti. Phaawulos yoo jiraate,
Kristosiif jiraata; yoo du’ee immoo goofta isaa bira akka dhaqu shakkii malee beeka.
Kanaaf waan fedhe yoo ta’ee iyyuu Kristos wajjin ijja jiratuuf duuni illee isa hin
sodachifne. Nuyis akkuma isaa Kristosiin gara jireenya Keenyatti simmaneerra. Kanaf
Kristos, haffurri Waaqayyos nu kessa jirata. Egaa jireenyi nuyi jiraannu Kristosiifi.
Waa’ee Daawit, Hojii Ergamootaa 13:36 irratti, "Daawit
bara isaatti akka jaalala Waaqayyotti hojjetee, yommuu du'e abboota isaa biratti
awwaalemee" jedha. Nuyis bara jireenya keenyaatti akka
yaada Waaqayyotti hojjechuutu nuuf ta'a.
Akkamitti Kristosiif Jiraanna?
Kiristtoosif jirachuun fedha isaa beeknnee isaaf jiraachu olchu dha. Gaaffiin nuyi
gaafachuun nu irra jiru garuu "fedha Waaqayyoo akkamittan beeka?" Kan jedhudha.
Waaqayyo fedha isaa akka nuyi beknu barbaadee hundumaa isaa macafa keessatti nu katabeera.
"Ani, jecha fo'amaa, beekumsaafi gorsa ba'eesa of
keessaa isan qabu siif hin cafnnee ree? warra si erganiif deebii amanamaa akka deebiftuuf
dubbii dhugaa sana ani si hin barsiifnee ree?" (Fakkeennyaa 22:20-21)
Seera isaa irraa adda baanee fedha Waaqayyoo beekuu hin dandeenyu.
Sagalee Waaqayyoo kophaa keenya yommuu qorannu yookiis gara waldaa Waaqayyoo dhaqnnee
yommuu barru fedhi Waaqayyoo caalchisee nuu ifaa adeema. Sagaleen Waaqayyoo erga nuu galee
booddee garuu akka nuu gale sanatti yoo jiraachuu dhaa baanne dhaga'ufi dubbisuu duwwaan
maayii nuu hin baasu.
"Akka inni ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo
deddebine, nuyi walii keenyaa wajjin tookummaa qabna; dhiigni ilma isaa Yesus immo cubbuu
hunddumaattii nu qulleessa." (1Yohannis 1:7)
"Dubbiin kee miilla kootiif ibsaadha, daandii koo
irrattis in ifa." (Faarfanna119:105)
Akka sagalee Waaqayyotti yoo jiraanne, ifa keesa deddebiina; Kristosii
wajin immoo tokkummaa qabna; mucucaannee cubbuutti yoo kufne illee dhiignni Yesus Kristos
nu qulleessa.
Waaqayyo Waa’ee Fedha Isaa Lamaan Tokko
Cimsee Nuutti Himaa
"Isaan [Fariisota] keessaa immoo namichi
seera beekaan tokko Yesusin qoruudhaaf gaafii isa gaafatee, ‘yaa barsiisaa, seera
keesaa abboommiin inni hundumaa irra caalu isa kami?’ jedhe. Yommus Yesus deebisee,
‘‘Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan yaada
kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a.’ Abboommiin hundumaa irra caalu inni duraa
isa kana. Abboommiin inni lammaffaan akkuma isa duraa ti; Nama akka mataa keetiitti
jaallachuutu siif ta'a.’ Seerrii fi barsiissi raajotaa hundinuu abboommii kana lamaan
irra dhaabatanii jiru’ jedhen". (Maatewos 22:35- 40)
1. Waaqayyoon garaa keenya guutuudhaan, yaada keenya guutuudhaan, humna keenya
guutuudhaan jaallachuu
Akka kanatti Waaqayyoon yoo jaallanne waan isa jibbisiisu hin hojjennu.
Waan inni hojjedhaa nuun jedhe immoo in hojjenna. "Yesus
itti fufee, ‘Isin Yoo na jaallattan, abboommota koo in eegdu’" jedhe.
(Yohannis 14:15)
"Ammas yaa obboloota koo, araara Waaqayyoof jedhaati
namummaan keessan qulqullaa'aa dhafi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti, arsaa
jiraatu gootanii akka isa dhi’eesitan isin nan gorsa; akkasittis hafuuraan Waaqayyoof
in sagaddu. Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo
isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessani haareffachuudhaan of diddiiraa!
Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka
isaa fiixaan baasus hubachuu dha." (Roomaa 12:1-2)
2. Akka of jaallannutti namoota garabiraa jaallachu
Namoota akka lubbuu keenyaatti yoo jaallanne waan hamaa isaan irratti hin hojjennu;
waa'ee isaaniis hammeenyaan hin yaadnu. Namoonni akka nuu godhan waan barbaannu hundumaa,
nuyis isaaniif in goona. Keessumattuu, warra jireenya barbaraa, isa Yesus Kristos tola
kennu, hin argganneef in kadhannaa, dhugaas in baanaaf.
Kristosiif Dhugaa ba'uu
"Isin garuu qomoo fo'amaa dha; luboota mana
motummaa ti; saba qulqullaa'aa dha; warra dhuunfaa Waaqayyoo ta'anii dha; Waaqayyo hojii
isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin
waame." (1Phexros 2:9)
Gooftaan Yesus Kristos kan itti amanannu fi kan itti koorru malee kan
itti qaanofnu miti.
"Itti fufees Yesus, ‘Eenyu illee namoota
duratti eenyu akkan ta'e dhugaa ba'ee yoo mul’ise, anis abbaa koo isa waaqa irra jiru
duratti dhugaa nan ba'aaf. Eenyu illee namoota duratti yoo nagane garuu, anis immoo abbaa
koo isa waaqa irra jiru duratti isa nan gana’ jedhe" (Maatewoos 10:32-33)
"Dhugaa Ba'uu"
Jechuun Maal Jechu dhaa?
"Waa'ee isa jalqabaa jalqabee ture,
sagale jireenyaa sanaa isiniif in caafna. Nuyi isa dhageenyerra; ija keenyaan isa
argineerra; ilaallees harka keenyaan isa qaqqabanneera. Jireenyichi mul’ifameera;
nuyi isa argineerra; isaafis dhugaa in baana; jireenya barabara isa abbaa bira ture,
nuttis mul’ifame kana isinitti in himna." (1Yohannis1:1-2)
Dhugaa ba’uuu dhaf abbaa firdii duratti akka dhi’annu yoo
waamamuu dha bannee iyyuu, waa’ee isaa dhaga’uun keenya in olle. Namni dhugaa
ba’uuf waamammu waa’ee seeraa falmuuf qophaaee hin dhaquu. Isaaf kan barbaachisu
yommuu isa gafatan waan argef, waan dhagaeef, waan ta’ee dhugaa dubbachu duwwa dha.
Kristaaniis akkasuma waa’ee Kristos isa dhaga’ee, karaa Kristos irra erga
bu’ee immoo jireenya isa kessatti geddaramni mal mal akka ta’ee mul’isee
dhugaa ba’aa. Kana achi nama ammansiisu dhaaf jireenya isa geddaruu dhaaf hin
waammamne, inni hojji hafuura qulqullutti. Waaqayyof darbee akka dhabbatuufis hin
waammamne, inni ofii isa of in dandaaa. Isatu darbee nuf dhabbata malee nuyi isaf hin
dhabbannu. Egaa, dhugaa ba’umsa jechuun waa’ee jireenaya haaraa fi jireenya bara
baraa isa Kristos irra arganne sana warra kaanitti himuu; waa’ee araara goofta isa
ofi arganne warri kaanis akka argataniif gara isatti waamuu dha.
Akkamitti Kiristoosiif Dhugaa Baanaa?
a) Jireenya keenyaan
"Isin ifa biyya lafaa ti. Mandarri tulluu
gubbaatti ijaarame dhokachuu hin danda'u. Homtinuu ibsaa qabsiisee guuboo jala hin kaa'u;
baattu ibsaa irra kaa'a malee. Ibsichis mana keessa kan jiran hundumaaf in ibsa. Namoonni
hojii keessan isa garii arganii abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif, ifni
keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!" (Maatewos 5:14-16)
Jireenyi keenya ifa Kristos kan mullisu ta'uutu irra jira. Akki itti
nuyi jiraannu Kristosiif dhugaa hin ba'u tanaan, afaan keenyaanis utuu dhugaa ba'uu
dhiifnne wayya; jireenyi keenya isa afaaniin dubbannu caalaa in dubbata'o.
b) Dubbii afaan keenyaan
Dhugaa ba'umsi keenya jireenya duwwaa dhaan utuu hin ta'in afaaniin dubbachuudhaanis
ta'uutu irra jira.
"Kristosiif garuu akka gooftaatti garaa keessan
keessatti ulfina addaan ba’e kennaaf! Waa'ee abdii isin keessa jiruuf, nama isin
gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii ga'u deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaa'oo
ta'aa. Deebiin keessanis arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis haa ta'u! (1Phexros
3:15-16)
"Waaqayyoon galateeffadhaa; maaqaasaa waammadhaa, gocha
isaas saba hundumaa keessatti beeksisaa!" (Faarfanna 105:1)
"Isin garuu qomoo fo'amaa dha; luboota mana motummaa ti;
saba qulqullaa'aa dha; warra dhuunfaa Waaqayyoo ta'anii dha; Waaqayyo hojii isaa isa
jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin
waame." (1Phexros 2:9)
Afaaniin yommuu dhugaa baanuu:
1. Waan Gooftaan jireenya keenya keessatti hojjete, jireenya akkamii keessaa
akka baane, gara jireenya akkamiittis akka ceene dubbachuu dha.
2. Namoonni araara Waaqayyoo akkamitti aka argatan waan gooftan caaffata keessatti
mul’ise sana himuu dha.
a) Waaqayyo cubbamoota in jallata, (Yohannis 3:16, Ermiyas 29:11)
b) Namni hundumtuu cubbamaa dha; beenyaan cubbu immoo badiisa
barabaraa ti,
(Roomaa 3:23, 6:23)
c) Yesus Kiristos cubbuu keenyaaf du'e, yaada garaa keenya
gedarannee isatti yoo amanne jirenya barabaraa nu kenna. (Roomaa 5:8; Yohannis
3:16, Roomaa 10:9-10, Mul’ata 3:20)
"Kanaafis namni kan Kristos yoo ta’e, uumama haaraa
dha; inni moofaan darbe, kunoo inni haaraan dhufeera. Kun hundumtuu Waaqayyo isa karaa
Kristos ofitti nu araarse biraa ta’e; inni hojji araarsuu isaa kanas namootatti akka
dabarsinuuf nuuf kenne. Kunis, Waaqayyo irra-daddarbaa namootaa itti lakkaa’uu
dhiisee, karaa Kristos biyya lafaa ofitti araarse jechuu dha; ergaa araara isaa kana immoo
hadaraa nutti kenne. Egaa nuyi afaan Kristos taanee ergamneera; Waaqayyos karaa keenya
isin in dhageessifata; ‘Waaqayyotti araaramaa!’ jennee qooda Kristos taanee isin
in kadhanna. Isa cubbuu tokko illee hin qabne, nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka
argannutti, nuuf jedhee cubbamaa isa godheera." (2 Qorontos 5:17-21)
"NAMNI HAMMA DHUMAATTI
JABAATEE DHAABATU GARUU IN FAYYA" (Maatewos 24:13) |